Lammiileen miiliyoona 10 Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa fudhatan

Finfinnee, Sadaasa 27, 2017 (FMC)-Lammiileen Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa fudhatan miiliyoona 10 qaqqabuun ibsame.

Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummtaa fi Kominikeeshinii Sagantaan Warqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Obbo Abeenezer Fallaqaan akka ibsanitti, waraqaan eenyummaa dijitaalaa tajaajilaa hunda galeessaa, hammataa fi amansiisaa kennuuf gargaara.

Hojmaata dhaabbilee tajaajila kennanii ammayyeessuu fi dijitaalessuun hojmaata badaa hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Warqaan eenyummichaa dhaabbilee garaagaraatti hojiirra oolaa jiraachuu ibsanii, fuuldurattis dhaabbileen tajaajila kennan akka ulaagaa tokkootti akka gaafatan kaasaniiru.

Dhiyeenyattis Magaalaa Finfinneetti lakkoofsa herrega baankii haaraa banachuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa akka ulaagaatti gaafatamuu akka eegalu eeraniiru.

Dabalataan magaalattiitti tajaajiloota kennaman argachuuf warqaa eenyumma dijitaalawaa qabaachuun dirqama akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen warqicha fudhatan miiliyoona 10 qaqqabuu Obbo Abeeneezer FMC’f ibsaniiru.

Lammiileen giddugaloota galmeessa Waraqaa eenyumma dijitaalawaatti galmaa’uun waraqicha akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment