Lammiileen kumni 1fi 162 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC)-  Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hanga ammaatti lammiileen Ityoophiyaa kumni 10fi 820 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Guyyaa har’aas balallii marsaa sadiin lammiileen kumni 1fi 162 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu eerameera.

Lammiilee guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an keessaa kumni 1fi 154 dhiirota yoo ta’an 8 ammoo guddattoota ta’uu ibsameera.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetamee hanga ammaatti lamiileen kumni 10 fi 820 gara biyyaa deebi’uu kan eerame yoo ta’u kanneen keessaa kumni 8 fi 224 dhiirota, kumni 2fi 1 dubartoota, 595 ammoo daa’imman ta’uu ibsameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda hojiin maatii isaaniitti dabaluu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment