Lammiileen kumni 1 fi 173 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)-Marsaa sadiin hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeeffameen lammiileen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 173 gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.

Kanneen deebi’an keessaa kumni 1 fi 135 dhiirota, 5 dubartoota fi 33 ammoo guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uun ibsameera.

Deebitootaaf deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hanga ammaatti hojii lammiilee deebisuu gaggeeffameen lammiileen kumni 35 fi 249 deebisuun akka danda’ame eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment