Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessaa turan Kumni 1 fi 124 gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiileen kun balalliiwwna guyyaa har’aa taasiifamaniin gara biyyaa deebi’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Dheengadda lammiileen kumni 1 fi 21 gara biyyaa deebi’uun kan yaadatamuudha.
Hojii lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuu marsaa 2ffaan hojjetamaa jiruun hanga ammaatti namoonni kumni 3 fi 317 gara biyyaa deebi’aniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.