Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC)- Inisheetiivii Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona 5’n lammiileen kuma 400 fi kuma 22 fi 842 leenjii fudhachaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ballaxaa Mollaan, hojiirra oolmaa inisheetiivicha hordofuu fi deeggaruuf koree hundaa’eef wayita qajeelfama kennan akka ibsanitti, hanga ammaatti lammiileen kuma 100 fi kuma 4 fi 460 leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru.
Leenjii koodarootaa kana akka fudhataniif karoora qabame milkeessuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi qaamoleen qooda fudhattootaa hirmaachuun qindoominaan hojjetamaa jira jechuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia