Lammiileen kuma 1034 Sa’uudiirraa gara biyyatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Marsaa sadiin hojii lammiilee biyya alaarraa deebisuu gaggeeffameen Sa’uud Arabiyaarraa lammiilee kuma 1034 gara biyyatti deebi’aniiru.

Kanneen keessaa daa’imni tokko ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaniirraa argame ni mul’isa.

Lammiile deebi’aniif deeggarsaa fi kunuunsa taasisuun bakka tursiisaa isaaniif qophaa’ee qubsiifamaniiru.

Hanga ammaatti hojii lammiilee deebisuu hojjetameen lammiilee kuma 39 fi 887 deebi’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment