Lammiileen kuma 1 fi 30 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa marsaa sadiin lammiileen kuma 1 fi 30 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.
Kanneen deebi’an keessaa lammiilee 209 dubartoota yoo ta’an, 753 ammoo dhiirota ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Hanga ammaatti hojii lammiilee deebisuu hojjetameen lammiilee kuma 34 fi 328 gara biyyaa isaaniitti deebi’uun eerameera.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment