Lammiileen kuma 1 fi 172 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)-Lammiilee Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 1 fi 172 har’a gara biyyaatti deebi’an.

Guyyaa Har’aa lammiilee deebi’an hunduu dhiirota yoo ta’an kanneen keessaa 29 guddattoota umriin isaanii waggaa 15 gadii fi daa’imman reef dhalatan 2 ta’uun ibsameera.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee ga’anitti deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin, hojiin maatii waliin quunnamsiisuu hojjetamaa jira jedhamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment