Lammiileen Ityoopiyaa Saa’uud Arabiyaatti baratan proojektii bishaan dhugaatii godina Jimmaatti ijaarsiisaa turan hawaasaaf dabarsan

Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoopiyaa Saa’uud Arabiyaatti baratan projaktii bishaan dhugaatii godina jimmaatti ijaarsisaa turan hawaasaaf dabarsaniiru.

Lammileen Ityoopiyaa kun, Yuunvasiitii Jimmaa Inistiitiyuutii Teeknooloojii waliin ta’uun ijaarsa proojektiichaa godina jimmaa aanaa Qarsaatti gaggeessaa kan turan.

Proojektichis namoota kuma 2 fayyadamoo taasiisa jedhame.

Inistitiyuutii teeknooloojii Yuunvarsiitii Jimmaatti Dooktar Daawud Tamaam, bishaanichaaf qorannoon laabraatoorii taasifamuusaatiifi dhugaatiin ala misooma jallisiif haala mijaahaa kan uumuu ta’uu dubbataniiru.

Bakka buutuun barattoota Mana Barumsaa Saa’uud Arabiyaa Aadde Saaraa Sulxaan proojektichii maallaqa barattootni walitti buusaniin hojjamuusaa eeraniiru.

Kana males, lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti baratan, rakkoo hawaasaa hiikuun dabalatatti ijaarsa hidha haromsaa keessattis gumaacha godhaa jiru jetdhaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment