Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti mana hidhaa keessa turan 126 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa  Taanzaaniyaatti mana hidhaa keessa turan 126 gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Lammiileen Ityoophiyaa karaa seeraan alaa gama Taanzaaniyaan Afrikaa Kibbaatti imaluuf osoo jedhanii qaamolee nageenyaa biyyattiin to’annaa jala ooluun hidhaaf akka saaxilaman ni beekama.

Haaluma kanaan qindoomina Taanzaaniyaatti imbaasii Ityoophiyaa fi Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaan lammiileen Ityoophiyaa mana hidhaa biyyattii keessa turan 126 gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Warreen hafanis yeroo itti aanutti akkaataa sagantaa ba’ee jiruun gara biyyaa akka deebi’aniif hojjetamaa jiraachuu imbaasichi beeksiseera.

Ityoophiyaanonni hedduun namoota seeraan ala namoota daddabarsaniin gowwoomfamuuniifi  maallaqa guddaa kaffaluun  imala seeraan alaa kan taasisan ta’uu fi daandiirratti rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment