Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 66 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 66 guyyaa hardhaa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiileen kunneen fedhii isaaniitiin deebi’uu Dhaabbata Godaantota Addunyaatti daayrektarri Taanzaniyaa Dooktar Qaasim Suufii ibsaniiru.

Lammiileen kunneen gara biyyaatti akka deebi’aniif tumsa Dhaabbanni Godaantotaa Addunyaa fi Taanzaaniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa taasisaniif akkasumas Mootummaan Siwiidiin deeggarsa maallaqaa taasisuusaatiif galateeffataniiru.

Tibba darbe Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa laataniin, hojiin lammiilee Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa garaagaraa fi biyyoota giddugaleessaatti haala rakkisaa keessa jiran kuma 12 ol gara biyyaa deebisuu Adoolessa 7,2014 irraa kan eegalu ta’uu ibsuun kan yaadatamudha.

Lammiileen kunneen Taanzaaniyaa, Maalaawwii, Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Jibuutii, Sudaan, Yemeniifi Oomaan irraa kan deebi’an ta’uu eeruu isaanii yaadachiisuun TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment