Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Sudaanitti godaansarra turan 138 gara biyyaa deebi’uu Sudaanitti Waajjirri Qoonsilaa Ityoophiyaa Gadaariif beeksiseera.
Lammiileen gara biyyaa deebi’an kunneen waggoota 15 hanga 30 godaansaan Sudaan keessa kan jiraataa turan ta’uu bakka bu’aan Waajjirichaa obbo Mahaarii Antenahi ibsaniiru.
Waldaan Gifuuhaan Ameerikaatti argamu, Poolisii Sudaan, Immigireeshinii, Gumrukaa fi manni hojii odeeffannoo tajaajila tika nageenyaa waliin ta’uun lammiileen kunneen gara biyya isaanii akka deebi’an taasiifamuu himaniiru.
Baqattoota har’a gara biyyaa deebi’an dabalatee lammiileen godaansaa deebi’an 338 magaalaa Matammaa Yohaannis keessatti kan argaman ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.