Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’aa jiru

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’aa jiraachuu ibsameera.
Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an simannaa hoo’aan taasiifamaafii jira.
Lammiilee Saa’ud Arabiyaa haala rakkisaa keessa jiran kuma dhibba 1 ol gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, har’a lammiilee marsaa jalqabaan deebi’aniif simannaan taasiifamaa jira jedhame.
Sirna simannaa kanarratti Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoonni mootummaa biroo argamaniiru.
Lammiilee gara biyyaa deebi’an kanneeniif iddoon tursaa yeroo qophaa’uun kan yaadatamuudha.
Taarikuu Laggaasaa fi Mahaammadi Aliitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment