Lammiileen Ityoophiyaa Ooslootti argaman muummee ministira Dooktar Abiyiif gammachuu isaanii hiriira ba’uun ibsatan

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Noorweey Ooslootti argaman muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara kanaa argachuu isaanitiif gammachuu qaban hiriira ba’uun ibsataniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa kun bakka muummeen ministiraa Dooktar Abiy buufatan Hoteela Giraanditti argamuun gammachuu isaanii ibsataniiru.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyis gammachuu isaanii ibsachuuf hoteelicha duratti kan argaaman lammiilee Ityoophiyaa galateeffataniiru.

Jiraattonni magaalaa Jimmaatis haaluma walfakkaatun kaleessa gammachuu isaanii ibsataniiru.

Dooktar Abiy guyyaa kaleessaa badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 Noorweey Ooslootti argamuun fudhataniiru.

Sirnicha irratti ergaa dabarsaniin, nageenyi yoo jiraate, yoo ida’amne, qabeenya qabnu sirnaan fayyadamnee badhaadhinatti cee’uu dandeenyas jedhaniiru.

Dooktar Abiy haasaa isaanitiin “Yoo ollaan nagayaan bule, nagayaan bulani.” jechuun nageenyaf xiyyeeffannaa laatan ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment