Lammiileen Ityoophiyaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessa turan 20 gara biyyaatti gaggeeffamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessa turan 20 gara biyyaatti gaggeeffamuu ibsameera.

Lammiileen Ityoophiyaa kara seeraan alaa Taanzaaniyaa qaxxaamuruun Afrikaa Kibbaa seenuuf yaalan qaamolee nageenyaa Taanzaaniyaan to’atamuun hidhaaf saaxilamaa jiraachuu ibsameera.

Kanneen keessaa marsaa jalqabaatiin Caamsaa 24, 2014 lammiilee 20 kanneen umriin isaanii waggaa 11-17 gidduu ta’an, qindoomina Embaasii Ityoophiyaa fi Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaatiin gara biyyaatti geggeeffamaniiru.

Lammiilee hafan ammo fuulduratti hidhaarraa hiikamanii gara biyyatti haala deebisuun danda’amu irratti mootummaan xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjechaa jiraachuu ragaan Taanzaaniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment