Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1fi 27 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1fi 27 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise. Lammiilee guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an keessaa 942 dhiirota, 61 ammoo dubartoota yoo ta’an 24 daa’immaniifi guddattoota ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan taasifamuufiin hojiin maatiisaaniin walitti makuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Baatii Sadaasaa 12,2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 27fi 722 deebi’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment