Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 40 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa marsaa sadiin lammilee deebisuuf hojiilee hojjetameen, lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 40 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Kanneen deebi’an keessaa kumni 1 fi 5 dhiirota, 13 dubartootaa fi 14 ammoo guddattoota umriin isaanii waggaa 15 gadii ta’uun ibsameera.

Lammiilee deebi’aniif deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuufiin bakka tursiisaa isaaniif qophaa’e qubsiifamaniiru.

Hanga ammaatti waliigalaan lammiilee kuma 52 fi 878 gara biyyatti deebifamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment