Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 24 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 29,2014 (FBC)- Guyyaa hardhaa lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 24 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Lammiilee gara biyyaa deebi’an keessaa 5 daa’imman ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsaa fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuun gara giddugala tursiisa yerootti geeffamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment