Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 179 marsaa sadiin Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.
Lammiilee kanneeniif kunuunsii fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun gara tursiisa giddugaloota isaaniif qophaa’e akka deeman taasifamuu eerameera.
Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatiin lammiileen 49,090n deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.