Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 166 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Hojii lammiilee Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebisuu guyyaa har’aa hojjetameen lammiileen kumni 1 fi 166 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Lammiilee gara biyyaatti deebi’an keessaa kumni 1 fi 152 dhiirota yoo ta’an, 14 guddattoota ta’’uu ibsameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefi booda gara giddugaloota tursiisa yerootti geeffamuu eerameera.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 51 fi 838 gara biyyaa deebi’uu ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment