Lammiileen Ityoophiyaa hunduu doonii tokkoon imaalaa akka jirru beekuu qabna jedhan – Preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen kabaja guyyaa saabaa fi sablammoota, ummattoota Ityoophiyaa 14ffaa irratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Preezdaant Saahilawarq lammiileen Ityoophiyaa hunduu tokkummaan biyyaa misoomsuu qabna jedha ergaa isaanitiin.

Rakkinni tokko rakkina hunda keenyaa waan ta’eef, wal utubnee jaalalaa fi tokkummaan biyya keenya ceesisuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaan yoo jiraatte nuti kabajaan jiraanna; miidhaan tokkoo miidhaa hunda keenyaa ta’uu beekuu qabna jedhan.

Ayyaanni kun ummata Ityoophiyaaf hiikkaa hedduu qaba; mirgi sabaa fi sablammoota biyya keenyaa akka kabajamuuf wabii kan ta’e heera mootummaa cimsuu qabna jechuunis dubbataniiru.

Ayyaana kana si’a kabajnu rakkinoota baroota darban nu mudatan darbinee guyyaa har’aa tokko jennee heera mootummaa cimsuun tokkummaan biyya jaalannu ni ijaarra jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatun af-yaa’ii Mana Maree Federeshinii FDRI aadde Keeriyaa Ibraahim ayyaanni sabaa fi sablammootaa ayyaana barsiisaa ta’edha jedhan.

Ayyaanni kun ayyaana miidhagina keenya muldhisuu fi tokkummaa keenya agarsiisudhas jedhaniiru.

Ayyaana kan si’a kabajnu dogoggoroota duraanii sirreessaa tokkummaan misooma eegalame itti fufsiisuu qabna jechuun dubbataniiru.

Ayyaanni sabaa fi sablamoota, ummattoota Ityoophiyaa 14ffaan qopheessummaa maannoo Oromiyaatin magaala Finfinneetti kabajameera

Comments (0)
Add Comment