Lammiileen Ityoophiyaa Eemireetota Araba Gamtoomanii jiraatan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Eemireetota Araba Gamtoomanii jiraatan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2 ol walitti qabuu ibsame.

Jiraattonni kunneen Imbaasii Ityoophiyaa  biyyichatti argamu waliin marii gama interneetiin gaggeessuu ibsameera.

Deeggarsi walitti qabame deeggarsa namoomaaf, lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf akkasumas bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf kan oolu ta’uu eerameera.

Ityoophiyaan yeroo ammaa deeggarsa lammiileeshee fi michuuwwan ishee kan barbaaddu ta’uu Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Suuleeymaan Daddafoon ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf Ityoophiyaanonni hundi ga’ee mataasaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessuu ragaan Ejensii Diyaaspooraarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment