Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa Waashingitan DC jiraataan dhiibbaa alaa Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru mormuun hiriira gaggeeessan

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni biyyattii Ameerikaa Waashingitan DC jiraataan gidduu seentummaa fi dhiibbaa alaa Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru mormuun hiriira gaggeeessaniiru.

Lammiileen kunneen hiriira balaaleffannaa gaggeessan kanarratti sagaalee #NiGaha dhageessisaniiru.

Deeggarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaaf qabanis agarsiisaniiru.

Mootummaan Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa dhiibbaa mootummaa Ityoophiyaarratti taasiisaan akka dhaabaan gaafataniiru.

Bifuma walfakkaatuun lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa Jiibuutii jiraatanis hiriira ba’uun giddu seentummaa biyyoota lixaa balaaleffachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment