Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa keessa jiraatan 100 ol vaayrasii koroonaa du’aniiru jedhame

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa keessa jiraatan 100 ol vaayrasaa koroonaan du’uu isaanii himameera.
 
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaa lakkoofsa namoota du’anii kaa’uun nama rakkisus odeeffannoo arganneen yoo xiqqaate namoonni 100 du’uu dhaga’ameera jedhan.
 
Namoonni hangi kun du’uu isaanii waldaalee fi hawaasa Ityoophiyaa bulchiinsota Ameerikaa garaa garaa jiranirraa odeeffanneera jedhan Ambaasaaddar Fitsum.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment