Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan giddu seentummaa mormuun hiriira nagaa gaggeessan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan giddu seentummaa mormuun hiriira nagaa gaggeessan.
Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan giddu seentummaafi tatamsa’ina odeeffannoo sobaa mormuun Waashingitaan Diisiitti hiriira gaggeessaniiru.
Mata duree “ Tokkummaa Ityoophiyaaf” jedhuun hiriirichi kan gaggeeffamu yoo ta’uu guyyaa boruus Niiyuwoorkiitti hiriirri biraa ni bahaama jedhameera.
Duulli proopaagandaa Ityoophiyaarratti baname ilaalcha Itiyoophiyaa busheessurra darbee birmadummaa biyyaatti kan gadi buusuu waan ta’eef dhugaaf akka morman beeksisaniiru.
Hirmaattoonni hiriira Waashingitaan Diisii ergawwaan garagaraa qabachuun mana hojii Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti mormiisaanii dhageessisaniiru.
CNN dabalatee miidiyaaleen biyyaa alaa hojii naannoo Tigiraayi deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf hojjatamu beekkamti osoo hin kennin odeeffannoowwan sobaa raabsuurratti akka argaman hiriiricharratti ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment