Lammiileen Ityoophiyaa 933 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 29, 2015(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa 933 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiilee guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an keessaa 900 dhiirota yoo ta’an 33 ammoo guddattoota umrii waggaa 18 gadii ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif buufata xiyyaaraafi giddugala tursiisaatti kunuunsiifi deeggarsi taasifamuufiin hojiin maatii isaaniitti makuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Baatii Sadaasaa 12, 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hojjetameen lammiileen kumni 39fi 382 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment