Lammiileen Ityoophiyaa 109 Jibuutiirraa gara biyyaatti deebifaman

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Jibuuttiitti lammiilee Ityoophiyaa Godaansaaf Saaxilaman 109 geejjiba baaburaan gara biyyaattii deebifamuu Jibuutiitti Embaasiin Ityoophiyaa beeksise.

Goddantota kanneen keessa 92 gara biyyoota Giddgaleessa Bahaattii ce’uuf Jibuutii erga galanii booda, daddabarsitoonni seeraan alaa Gammoojjii keessatti jalaa miliqanii buufata dahannaa Dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaa kan galan ta’uun ibsameera.

Kanneen 17 ta’an ammoo Yemenitti rakkoo hammaataa keessa turanii gara Jibuutii kanneen seenan ta’uun ibsameera.

Godaantonni kunneen daddabarsitoota seeraan alaan yeroo gabaabaa keessatti qabeenya horattuu jedhamanii gowwoomfamuun maallaqa olaanaa kaffaluun biyyaa baafamuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment