Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 17 guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’aniiru.
Deebitoota keessaa 3 daa’immaan yoo ta’an, kumni 1 fi 14 dhiiroota ta’uu ibsameera.
Hojiilee lammiilee Ityoopphiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti namoonni kumni 37 fi 726 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.