Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 1 fi 181 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 1 fi 181 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoonni hunduu dhiirota yoo ta’an kanneen keessaa guddattoonni umriin isaanii 18 gadii 16 ta’uun ibsameera.

Deebitootaaf kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kuma 41 fi 700 deebi’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment