Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 1 fi 149 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Guyyaa har’aa balalii marsaa sadiin gaggeeffameen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa lammiilee turan kuma 1 fi 149 gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru.

Deebitoonni hundi dhiirota yoo ta’an, kanneen keessa guddattoonni umriin 18 gadii 10’n ta’uun eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun hojiin maatii isaanii waliin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa irraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 eegalee hojii lammiilee haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyaatti deebisuu hojjetameen lammiileen kuma 42 fi 800 ol deebi’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment