Lammiileen Itiyoophiyaa 961 Saa’uud Arabiyaarraa deebi’aan

Lammiileen Itiyoophiyaa 961 Saa’uud Arabiyaarraa deebi’aan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa 961 Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan 961 har’a balaliiwwan 3 gara biyyaa deebi’aaniiru.

Deebitoota keessaa 578 dhiiroota, 336 dubartootaa fi 47 daa’immaan ta’uutu ibsame.

Hojiin lammiilee Itiyoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara deebisuu marsaa 4ffaan Bitootessa 3, 2017 ifatti eegalameera.

Marsaa 4ffaa kanaan lammiilee kuma 50 gara biyyaa deebisuuf ni hojjetama jedhame.

Hanga amnaattis lammiileen kumni 1 fi 961 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment