Lammiileen Itiyoophiyaa 83 Jibuutiirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)-Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophiyaa Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa walta’uun lammiilee Itiyoophiyaa 83 gara biyyaatti akka deebi’an taasisuun ibsame.

Guyyoottan ittaanaanis hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu akka itti fufu ibsamuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Godaansi seeraan alaa Jibuutiirraan taasifamu balaafamaa ta’uun lammiilee hedduu du’aaf saaxilaa jiraachuun eerameera.

Qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hojjechuun lubbuu lammiilee baraaruun akka barbaachisu embaasichi hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment