Lammiileen Itiyoophiyaa 56 Jibuutiirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophyaa Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa waliin ta’uun godaantota seeraan alaa lammiilee Itiyoophiyaa 56 gara Itiyoophiyaatti deebisuu beeksise.

Godaansa seeraan alaa ittisuuf maatiin hunduu ijoollee isaanii gochaa akkanaarraa akka of qusatan gorsuu akka qaban hubachiisuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment