Lammiileen Itiyoophiyaa 402 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)-Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan 402 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota kanneen keessaa 315 dhiirota, 75 dubartootaa fi 12 daa’imman reef dhalatan yoo ta’an, guddattoonni umrii 15 gadii saddeet akka argaman eerameera.

Deebitoota kanneeniif kunuunsaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisuun hojin maatii isaaniin walquunnamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 eegalee hojii lammiilee haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyaatti deebisuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 73 fi 400 ol deeba’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment