Lammiileen Itiyoophiyaa 396 Saa’udirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC )- Saa’ud Arabiyaatti lammiileen Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa turan 396 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota keessaa 315 dhiirota, 71 dubartoota, 10 daa’imman reef dhalatan yoo ta’an, kanneen keessaa guddattoonni umriin isaanii 18 gadii 15 akka argaman ibsameera.

Lammiilee deebi’aniif kunuunsaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa Hawaasummaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment