Lammiileen Itiyoophiyaa 313 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa 313 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota keessaa 236 dhiirota, 44 dubartootaa fi 6 ammoo daa’imman reef dhalatan yoo ta’an kanneen keessaa guddattoonni umriin isaanii 18 gadii 24 ta’uun ibsameera.

Lammiilee deebi’aniif kunuunsii fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun, hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment