Lammiileen hundi Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa akka qaroo ija isaatti eeguu akka qabu ibsame

Finfinnee, Hagayya 18, 2016 (FBC) – Lammiileen hundi dhaabbata guddaa biyyaatti kan ta’ee Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa akka qaroo ijatti eeguu akka qaban ibsameera.

Daandiin qilleensichaa sababa Huurrii cimaa tibbana mudateen balaaliiwwan haquu fi dheerressuun isaa ni yaadatama.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa sadarkaa idiil Addunyaa kan eeggate ,Naamuusa gaarii kan qabuu fi tajaajila Gejjibaa qilleensaa qulqulliina qabu kennaa jiraachuu Daandii Qilleensichaatti Hoggaantuun Kominikeeshinii Haannaa Axinaafuun ibsaniiru

Daandiin qilleensicha tajaajila Gejjiba qilleensa nageenyaa maamiltoota isaaf dursa kenne hojjechaa jiraachuu ibsuun, hojiilee hojjechaa jiruunis bu’aalee hedduu argamuu eeraniiru.

Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa haala qilleensaa Huurrii mudateen guyyaa dheengaddaa qofa balaalliiwwaan idil Addunyaa 42 Buufataa Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleen ala qubachuu dubbataniiru.

Balaalliiwwan biyyaa keessaas rakkoon walfakkataan mudachuu himaniiru.

Haaluma kanaan xiyyaarronni lama gara Magaalaa Maqaleetti balaallii taasisan osoo hin qubatin gara Finfinneetti deebi’uus kaasaniiru.

Xiyyaarri bira gara magaalichaatti balaallii taasisuuf ture akka haqamu taasifamuu hordofee namonni dhuunfaa Qajeelfama nageenyaa Aviyeeshinii kara fallessuun sochii hin barbachiifne taasisuu ibsaniiru.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hojmaata fi Naamusa Ayiveeshinii Idil Addunyaa hojiirraa kan oolchuu ta’uu eeruun, maamilli kamiiyyuu sochii hin barbaachifneerraa of qusachuu akka qabu dhaamu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment