Lammiileen gogaa horii of eeggannoon gabaaf akka dhiyeessan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Lammiileen wayita ayyaana Faasikaa fi Iidaal Faxiriitti qalma horii raawwatan gogaa of eeggannoon gabaaf dhiyeessuu akka qaban giddugallii qorannoo fi misooma gogaa fi bu’aawwan gogaa waamichi dhiyeesseera.

Daayrektarri olaanaan giddugalichaa obbo Daanyaachoo Shifarraaw Faanaa Broodkaasting Korporeettitti akka himanitti, ayyaanoota Faasikaa fi Iidaal Faxiriif qalmi horii %30 ni raawwata jedhaniiru.

Kanaanis hawaasni sababoota ayyaanoota kanaaf gogaa horiiwwan qalamanii of eeggannoon gabaaf akka dhiyeessan himaniru.

Gogaa sirnaan faayidaarra oolchuun qabeenya biyyaa ta’uu obbo Daanyaachoon himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment