Lammiileen gariiniin leenji’an kumni 8 ol hojiif gara biyyoota alaa imalan – Aadde Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Eebla 27, 2015 (FBC) – Torbeewwan sadan darban Lammiileen gariiniin leenji’an kumni 8 ol hojiif gara biyyoota alaa imaluu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsan.

Yeroo gabaabaa keessatti adeemsa bobbii hojii alaa ammayyeessuuf hojiin teeknooloojiin fayyamuu eegaluu Aadde Mufariyaat fuula miidiyaa hawaasummaan ibsaniiru.

Adeemsichi fayyadamummaa fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Hojicha milkeessuuf qaamolee tumsa taasisan hunda galateeffachuun, imala yeroo itti aanuu caalmaatti milkeessuuf tattaaffii cimaan kan taasiifamu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment