Lammiileen gara Sudaanitti baqatan yeroo gababa keessaatti gara biyyaa ni deebi’uu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) –Rakkoo gareen finxaaleeyyii ABUT uumeen lammiilee gara Sudaanitti baqatan yeroo gababa keessaatti gara biyyaa deebisuufi deebisanii dhaabuuf hojjetama akka jiru  Komishiinin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyooleessaa beeksise.

Komishiinarri dhaabbatichaa Mitikkuu Kaasaa,mootummaan Ityoophiyaa nageenyaa fi kabaja lammiileef dursa laachuun hojiiwwan garagaraa hojjechaa jira jedhaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu kan eegalee magaaloota daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti ta’us lammiilee gara Sudaan galuun isaanii ibsaniiru.

Komishiinichi laammilee Sudaanitti argaman yeroo gababa keessaatti gara biyyaa deebisuu fi deebisanii dhaabuuf qophii ga’an taasifamuu ibsaniru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

 

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment