Lammiileen Ameerikaa harki caalu Joo Baayidan 2ffaa Pireezidaantummaaf dorgomuu hin qabu ejjennoo jedhu qabaachuu qorannoon ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Lammiileen Ameerikaa harki caalu Pireezidaanti Joo Baayidan 2ffaa Pireezidaantummaaf dorgomuu hin qabu ejjennoo jedhu qabaachuu isaanii qorannoon ifoomseera.
Akka qorannoon dhiheenya gaggeeffame ibsutti, filannoo bara 2024 gaggeeffamuuf pireezidaant Joo Baayiden irra deebiin akka filataman lammiileen Ameerikaa % 18 qofati kan deeggaru yoo ta’u, % 64 ammoo dorgomuu hin qabu jedhanii amanu jedhame.
Hoggantoota biyyattii keessaa Joo Baayidan hogganaa ummata biratti fudhatama gadi aanaa qaban keessaa tokko ta’uu isaanii himameera.
Baatii Caamsaa irraa eegalee fudhatamummaan isaan ummata biratti qaban gadi bu’aa dhufuu qorannoon yaada ummataa walitti qabuun gaggeeffame ni agarsiisa.
Diimookiraattoota keessaa % 41 Joo Baayidan filannoo itti aanutti kaadhimamaa ta’uun akka hin dorgomne kan barbaadan yoo ta’uu, % 35 ammoo kaadhimamaa ta’uun yeroo 2ffaaf akka dorgoman ni fedhu jedhame.
Yaadni Bakka Pireezidaanti Joo Baayidan eenyutu dorgomuu qaba jedhu Diimookiraatoota gidduutti garaagartee uumaa jiraachuu ibsameera.
% 19 Kaamaalaa Haariis yoo eeran, % 20 ammoo namni biraa dorgomuu qaba yaada jedhu dhiyaassaa jiru jedhameera.
Hanga ammaatti % 30 kan hin murteessine yoo ta’uu, % 4 ammoo filannicharratti yaada laachuu kan hin feene ta’uu ibsameera.
Pireezidaanti Joo Baayidan filannoo itti aanurratti kan dorgoman ta’uu ibsanis, Diimookiraatoonni harki caalu kaadhimamaa ta’anii dhiyaachuu isaanirratti kan hin murteessine ta’uu qorannichi ifoomsuu RT gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment