Lammiileen Alaa Ityoophiyaa akka ba’an lallabamus namni ba’uuf socho’u hin muul’atu –  Ambaasaaddar Fitsum

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Lallaba Ameerikaa fi deeggartoota ishee hordofee biyyoonni Alaa lammiileen isaanii  Finfinnee gadi dhiisanii akka ba’an gaafatanis namni ba’uuf socho’u kan hin muul’anne ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaan ibsaniiru.

Finfinneen akkuma durii nageenya amansiisaa qabaachuu fi  jireenyis haaluma barameen itti fufuu isaan kakaasiin ariitiin Finfinnee gadi dhiisaa ba’aa jedhu hin hojjetu jedhan turtii Waashiingiitan Spuutiniik waliin taasiisaniin.

Lammiileen biyyoota alaa Finfinnee akka ba’aniif sababni ga’aan kan hin jiraanne ta’uu kaasaniiru.

Lammiileen biyyoota alaa Finfinnee ariitiin akka ba’an lallabni torbee lamaaf gaggeeffame osoo hin milkaa’iin hafuu Ambaassaddar Fitsum kaasaniiru.

Lammiileen kunneen akka ba’aniif tikkeettiin xiyyaaraa hedduun qophaa’uus lammiileen alaa hanga yaaddame ba’aa kan hin jirre ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan biyya lammiileen miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 20 keessa jiraataan teessuma lafaa miidhagaa qabduu fi walitti bu’iinsi iddoo muraasa qofatti kan uumame ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan nageenya duraatti guutumaan guutuutti kan deebitu ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment