Lammiileen Afrikaa sababa waraanaarraan kan ka’e  Yuukreen irraa gara biyyoota birootti ce’uu yaalan dhiibbaan sanyummaa nurra ga’e jedhan

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Lammiileen Afrikaa sababa waraanaarraan kan ka’e  Yuukreen irraa gara biyyoota birootti ce’uu yaalan dhiibbaan sanyummaa isaanirra ga’uu ibsan.

Lammiilee Afrikaa tokko tokko waraana baqachuun gara biyyoota ollaatti ce’uuf yaalii taasisanirra dhiibbaan sanyummaa ga’uu ibsaniiru.

Lammii Istiwaaniyaa kan taate Viklee Dilaamiiniin gara Roomaaniyaatti ce’uuf osoo yaaltuu dhiibbaan sanyummaa cimaan irra ga’uu eerteetti.

Poolisoonni meeshaa waraanaa nutti aggaamuun nu doorsiseera jechuun ibsiteetti.

Lammii Naayjeeriyaa kan ta’e Viktoor Eeldrad gamasaan wayita Yuukreenii bahuuf yaalutti tajaajilli geejjiba baaburaa lammiilee Yuukreen qofaaf eeyyamame nuti dhorkamuun haala qilleensaa hamaa keessatti dararamaa kan jiran ta’uu ibseera.

Imala rakkisaa fi dheeraa dandamachuun Isloovaakiyaa geenyus mootummaan Naayjeeriyaa deeggarsa tokkollee nuuf hin taasisne jechuun komii isaa ibseera.

Yuukreenitti lakkoofsi barattoota Afrikaa hedduu akka ta’e ni dubbatama. Lakkoofsa barattoota ardiilee biroo biyyattiitti barataniin yoo walbira qabamu %20 ta’uu Anaadooluun gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment