Lammiileen 96 Libaanoos irraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) –Lammiileen Itiyoophiya karaa seeraan alaan biyyaa ba’anii Libaanoos waggoottan dheeraaf sanadaa malee jiraachaa turan 96 balalii marsaa 2ffan gara biyyaatti deebi’aniiru.

Marsaa 3ffaan lammiilee 89 gara biyyaatti deebisuuf balaliin bor kan taasifamu ta’uu Waajjirri Qoonsilaa Jeneeralaa Itiyoophiyaa Beeruutitti argamu beeksiseera.

Waajjirichi namoota mirga lammiilee kabachisuu keessatti deeggarsa taasisan galatteeffateera.

Gama biraatiin, Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophiyaa Dhaabbata Godaantotaa Addunyaa waliin ta’uun godaantota seeraan alaa 90 Jibuutiirraa gara Itiyoophiyaatti akka deebi’an taasisuu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment