Lammiileen 592 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Saa’ud Arabiyaatti lammiileen Ityoophiyaa rakkoo garaagaraa keessa turan 592 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Guyyaa har’aa gara biyyaatti lammiilee deebi’an kunneen hundi dhiirota ta’uun ibsameera.

Deebitootaaf kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun bakka turtii isaaniif qophaa’ee qubsiifamaniiru.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hanga ammaatti hojii lammiilee deebisuu gaggeeffameen lammileen kumni 9 fi 660 gara Ityoophiyaatti deebi’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment