Lammiileen 702 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Guyyaa har’aa balallii marsaa lamaan lammiileen 702 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’aniiru.

Balallii marsaa jalqabaatiin lammiileen 348, marsaa 2ffaan ammoo lammiileen 354 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’aniiru.

Deebitoonni marsaa jalqabaa hundi dhiiroota ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Lammiileen kunneen wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an hojjetoota Ministeera Dhimma Alaan simannaan taasifameeraafi.

Mootummaan lammiilee Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa jiran gara biyyaa galchuun koree hundaassee hojiitti galeera.

Koreen hundaa’ee kunis lammiilee kuma 102 gara biyyaa galchuuf karoorsee hojiitti galuun isaa ni yaadatama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment