Lammiileen 104 Jibuutiirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Jibuutiitti haala rakkisaa keessa turan 104 gara biyyaatti deebi’uu Embaasiin Itiyoophiyaa beeksise.

Embaasichi, Dhabata Godaantotaa Idil Addunyaa Jibuutiitti argamu waliin ta’uun marsaa lamaan Geejjiba Baaburaan gara Itiyoophiyaatti deebisuu ibseera.

Hojii hordoffii daddabarsitoota namootaa seeraan alaa irratti taasifameen lammiilee hedduu dhamaatii fi du’arraa baraaruun akka danda’ame ibsameera.

Hojiin kunis yeroowwan itti aanaan cimee kan itti fufu ta’uu ragaan embasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment