Lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi xiinsammuu taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi xiinsammuu taasifamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaar bakkeewwan weeraraan qabatee turetti miidhaa diinagdeerraan ga’e dabalataan hawaasa naannichaarratti miidhaa hawaasummaa fi xiinsammuu cimaa qaqqabsiisuu ibsameera.

Haaluma kanaan lammiileen sababa waraanaan miidhaman deggarsa xiinsammuu akka argataniif qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ministeerichi ibseera.

Guyyaa har’aa qaama hojichaa kan ta’e leenjiin leenjistootaa deeggarsa xiinsammuu, hawaasummaa fi fayyaa sammuu kennuu dandeessisu Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti eegaleera.

Leenjichi miidhamtoota hunda biraan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Leenjichi qindoomina Ministeera Fayyaa , Ministeera Dubartootaa fi Dhimma hawaasummaa akkasuma UNICIEF waliin  kan qophaa’e yoo ta’u ,Naannoolee Amaaraa , Affaar , Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuuz irraa akkasumas Biiroolee Federaalaa irraa walitti babba’an Ogeeyyiin Fayyaa 270 guyyoota walitti aanan 5’f kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment