Lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT buqqa’an itti fufiinsaan dhaabuu ni hojjetama – Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an itti fufiinsaan dhaabuuf kan hojjetamu ta’uu Ministeera Nageenyaa beeksiise.
Hoggantoonni mootummaa olaanoon lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an haala waaraan deebisanii dhaabuun danda’amurratti magaalaa Daseetti mari’ataniiru.
Maricharratti Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.
Aantummaa hawaasni lammiilee buqqa’an deeggaruuf agarsiise Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil galateeffataniiru.
Lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an waaraan dhaabuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Jilli Aadde Mufariyaatiin durfamu lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Dasee qubatanii jiran daawwachuus AMC gabaaseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment