Lammiilee sababa waraanan buqqa’an deebisanii dhaabuun barbaachisaadha – Dr/In Nagaash Waageeshoo

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Bara haaraatti Lammiilee sababa waraanan buqqa’an deebisanii dhaabuun barbaachisaa ta’uu Itti aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Waageeshoon ibsan.

Injinar Nagaash Waageeshoon bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Barri haaraan bara hojiilee misoomaa itti milkeessinu, gaaffii ummataaf deebii itti laannu, rakkoolee nageenyaa muudatan itti furru akka ta’u hawwiin qaba jedhan.

Weerara gareen ABUT biyyarratti bane qolachuuf ummanni naannichaa tumsa taasiisu caalmaatti kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Lammiilee harka qalleeyyii fi sababa waraanaan qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deeggaruun murteessaa ta’uu ergaa dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment